Marii mootummaa Itiyoophiyaa Fi ABO gidduutti taasifameef Odolli Taanzibaar maaliif filatamee?

Marii mootummaa fi WBOf Taanzaaniyaa-Odolli Zaanzibaar maaliif filatamte?
================
Tanzaaniyaan marii nageenyaa Mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamu keessumeessaa jirti.

Mootummaan biyyattii BBC’f akka mirkaneessetti, qaamoleen lamaan biyya isaaniitti akka mari’ataniif haala mijeessuu irra kan darbe jaarsummaas tahe qaamolee lamaan walitti fiduu keessatti qooda homaatii hin qaban.

Marii qaamoleen laman kana adda-durummaan kan gaggeessaa jiran Keeniyaa fi Noorwey yoo ta’an, biyyoonni kaan deeggarsa taasisaanis jiraachuun barameera.

Mariin kun Ebla 25, 2023 eegalame. Guyyaa jalqabame bulee ammoo, jechuun Ebla Tanzaaniyaan tokkummaa ishee seena-qabeessa tahe waggaa 59ffaa itti kabajattudha.

Biyyi kun tokkummaashee kabajataa, qaamoleen waldhaban-mootummaa Itoophiyaafi WBOn mariin akka tokko ta’aniif keessummeessaa jirti.

Odola Zaanzibaar umurii dheeraa qabduufi bakka hawata turistii taate ammoo addatti keessummaa marii kanasimatteetti.

Guyaan Tokkummaa biyyattii kun guyyaa odolli Zaanzibaar duraan akka biyya tokkootti of bulchaa turte, kan yeroo sana Tangaanikaa jedhamtee waamamtu waliin tokko tahuun biyya Tanzaaniyaa jedhamtu hundeessan jechuudha.

Yeroo kanatti mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO waggoota darbaniif wal waraanaa turan karaa nagaa araaramuuf biyyattii keessatti mariitti jiru.

Marichi odola Zaanzibaar irrattidha kan gageeffamaa jiru.

Odolli Zaanzibaar ofiin kan of bulchitu taatee garuu qaama mootummaa Taanzaaniyaati.

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started